Keeyru ummaa

By Ibnu_hajar Keyral umma

Umar yeroo hundumaa
Takkaan dhaabne hojiisaa
Kan dhabe gargaareeti
Miskiina saa Nyaachisaa

Kayiriitti Nama waamee
Badiirraa sodaachisaa
Argameen beeku jetta
Jagnummaan Akka isaa

Haqa biyyaa Eeggataa
Wolqixxummaa diriirsaa
Mirga uumamaa labsee
Gabrummaa dhabamsiisaa

Halkan Rafee hin beeku
Rakkataadhaaf cinqamaa
Manasaa dhiisee bahee
Ganda Yatiimaa deemaa

Nyaata duddatti baatee
Miskiinotaaf muddamaa
Lafti dhihuudhaaf kaanaan
Umartu Eeggatamaa

Ilma Namaarra darbuun
Beelladootaaf ergamaa
Sheexanninuu sodaasaaf
Karaa jijjiiree deemaa

Gooftaan Nuufa laaffisu
Nu hundaaf umarummaa
Miseensa hojii gaarii
Hordofaa keyral ummaa
[Continue………..

Seraa zakaa

πŸ›‘ Seeroota zakaat Al-fixrii
β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…β˜…
1/ zakaat al-fixriin nama soomees nama hin soomnes beekaa fi daa’imman irraallees baasuun dirqama

2/ kan kennamuus harka qalleyyiif/miskiinaaf qofa yoo ta’u namni tokko yatiima ykn haanqina Qaamaa qabaatef qofa zakaat al-fixrii fudhachuun hinmalaaf jechuu miti!

3/ yatiimas ta’e namni haanqina qaamaa qabu waan ittin bulu gahaa yoo qabaatan zakaan hinkennamuuf!

4/ zakaat al-fixriin midhaaniin(qunnaa 1) malee Qarshii dhaan ykn uffataa fi waan kkfakkaataniin hin kennamu. “Midhaan/nyaata beelahaan nyaatu” malee dhukubsataan waan ittiin yaalamu ykn namni gatiin namaa irra jiru qarshii ittiin kafaluu miti! Qunnaan tokoo kiilo giraamaan yeroo hirreegamu kg 2.5 haga kg 3 sadihiiti jedhameera.

5/ yeroon filatamaa zakaat al-fixriin itti kennamu dhuma guyyaa ramadaanaa eega aduun lixxee fi boor iida ta’uun yeroo mirkanaaherraa jalqabee haga guyyaa iidaa salaanni haga jalqabamuu yeroo jiru irra yoo ta’u yoo barbaachisee ta’e ammoo iidaa dura guyyaa tokko yookaa guyyaa lama dursanii kennuunis ni danda’ama. Salaata iidaatin booda ykn ramadaana guyya 28ffaatin dura kan kenname yeroo isaa hin egganne