Keeyru ummaa

By Ibnu_hajar Keyral umma

Umar yeroo hundumaa
Takkaan dhaabne hojiisaa
Kan dhabe gargaareeti
Miskiina saa Nyaachisaa

Kayiriitti Nama waamee
Badiirraa sodaachisaa
Argameen beeku jetta
Jagnummaan Akka isaa

Haqa biyyaa Eeggataa
Wolqixxummaa diriirsaa
Mirga uumamaa labsee
Gabrummaa dhabamsiisaa

Halkan Rafee hin beeku
Rakkataadhaaf cinqamaa
Manasaa dhiisee bahee
Ganda Yatiimaa deemaa

Nyaata duddatti baatee
Miskiinotaaf muddamaa
Lafti dhihuudhaaf kaanaan
Umartu Eeggatamaa

Ilma Namaarra darbuun
Beelladootaaf ergamaa
Sheexanninuu sodaasaaf
Karaa jijjiiree deemaa

Gooftaan Nuufa laaffisu
Nu hundaaf umarummaa
Miseensa hojii gaarii
Hordofaa keyral ummaa
[Continue………..

Leave a Comment